Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Mootummaan Wayyaanee Garee Maxxanee Haaraa Somaliyaa Keessatti Ijaarte!

(Madda Oduu ABO Amajjii 24,2009) Mootummaan Wayyaanee  humnoota Somaliyaa waldura dhaabbachiisuufi walficcisiisuuf dhaaba maxxanee Somaaliyaa tokko gurmeessee hidhachiisuun jeequmsi haaraa godinicha keessatti akka babal’atu gochaa jiraachuun saaxilame.  

Maddi Oduu ABO/ MOAn/  naannoo Embaasii wayyaanee Naayiroobii irraa odeessa argate wabii godhatee akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee humnoota Somaaliyaa giduutti waldhabdeen akka babal’atu gochuuf Garee maxxannee haaraa, ’Ahlu Suna Wal Jamea group ‘ jedhamu gurmeessee duuggarsa guutuu gochaafii jirti.

Akka odeessa argame kanaatti, mootummaan wayyaanee humna “Alshabab” ittiin rukutuufi yeroo Moqaadishoo dhiisee bahett immoo gammachuu ummati Somaaliyaa argate ittiin booressuuf garee haaraa isaaf hojjatu kan gurmeessee hidhachiisaa jirti.

Gareen kun hedduun isaanii humnoota mootummaa ce’umsaa Somaalyaa gargaaru jedhamanii mooraa leenjii waraana Huursoo keessatti leenjiifi barumsa loltummaa fudhatanii turaniin kan gurmaa’an ta’uu kan saaxile Maddi Oduu ABO, yeroo ammaa kanas karaa eembaasii wayyaanee Naayiroobii dieeggarsa argachaa jiruun waraana haaraa Humna ALSHABAB Somaaliyaa irratti finiinsuuf akka jiru beekameera.

Akka karoora haleellaa waraanaa qabameetti, gareen “Ahlu Suna Wal Jamea” kun torbee kana keessa karaa lamaan humna Alshabab irratti haleellaa banuuf jira. Haleellaan kunneenis,   buufata “Ahlu Suna Wal Jamea” naannoo Guraa’el jiru jabeessuufi babal’isuufi naannoo Algaayeetti adda waraanaa Geensur irratti hojjachuudha.

Haleellaa haaraa Somaaliyaa keessatti babal’isuuf qabame kanaaf humni warraaneen bixxilame kun meeshaa waraanaa mootummaa Wayyaanee kan gaafatee ture yoo ta’u, meeshaan sunis keessaayyuu, hidhannoon waraanaa wayyaanee irraa ergameefii akka jiru odeessi kun dabalee hubachiiseera.

Mootummaan wayyaanee, gama isaatiin, shirri kun akka irratti hinbeekamneef garee kan kan hinbeek ne, garuu, karaa Eembaasii isaa Naayiroobii, gaaffiin deeggarsaafi gorsaa dhiyaachaafii akka jiru fakkeessee qaamota dipilomaatotatti addaddaatti odeessaa fi odeessisiisaa kan jiru illee beekameera.

MOA



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net